Tuesday, 17 February 2015

Waan feetaanis fiddan Masteer Pilaanin Finfinnee hojirra ni oola. Warra nu dura dhaabbate abbaa feetes taatu ‘likkii’ galchina. Qondaalonni Oromoo godiina naannawa Finfinnee yakkamtoota. Qonddaalonni Oromiyaa laamshoodha.” Kun hundi arrabsoofi dhaadannoo qondaaltichi Wayyanee guddichi Abbaay Tsahaayyee Oromoota walitti qabee itti huruurse kaassaayi. Sagalee gabaabduu waraabamtee OMN geette irraa jechoota fokkisaa akkasii yoo dhageenyu kan nuti hin dhagayin hafan maal faa akka ta’e yaadun nam hin dhibu. Akkan dhagayetti, tibba mormiin godhamaa ture san qondaaltoota OPDO gurguddoo walitti qabuun arrabsoo dhuunfaa bira dharbee hamma doorsisuufi harkaan itti aggaamutti gahame ture.
Tuffiifi jibba Abbaay Tsahaayyeefi waahillan isaa Oromoof qaban afaan ajaayan as bahe kun dhimma nam- tokkee akka hin taane namuu hubachuu qaba. Ejjennoo jaarmayni Wayyaanneen qabattee deemtuun, kan qabeenya Oromoo saamuun sirna cunqursaa isaanii tursiisuuf hammeenya hammamii raaw’achuuf akka muratan ragaadha. Karoorri maqaa Master Pilaaniitin Finfinnee bal’isanii, Oromiyaarraa muranii fudhachuu kunis kophatti laalamuu hin qabu. Master Pilaaniin kun karoora guddicha fi isa ol aanaa Tigroonni ol’aantummaa dinagdee yoomifu turu ijaaruuf qaban irraa kan maddeedha. Akkuma namuu argu yeroo amma kanatti lafti gabbataan jaraaf hirmaa jira. Iddoon albuudaa, warshaalee gurguddaani fi magaalaan sochii dinagdee qabdu too’annaa jaraa jala galfamaa jira. Daldaltoonni Tigraay hamma baadiyyaa Oromiyaatti caasaa diriirfachuun daldaltoota Oromoo taphaan ala godhanii jiran. Qonnaan bulaa Oromoo kaan lafa irraa fudhatanii warshaafi mana jireenya waardiyyaa isaani godhatan. Warra hafe ammoo xaa’oo gatiin samii tuqee itti fe’anii kasaarsanii hiyyoomsan.
Bifa kanaan Oromoo bakka hundatti saamanii hiyyoomsuun Tigree erga duroomsanii booda, dureeyyonni kun Finfinneetti galanii tujaara bakka hin sochoone taasisuuf saffisaan carraaqaa jiran. Milkaayaas jiru. Wanni magaalaa Finfinnee bal’isanii too’achuu fedhaniifis karoora kana waan qabaniifi.
Shira kana fashalsuufi tuffii warra Abbaay kana ofirraa dhaabuuf falli jiru karoora dinagdee Wayyaanee kana hongeessuudha. kana gochuuf:
Mormiin master Pilaanii kanarratti ka’e itti fufuu qaba. Diddaan hawaasaafi dargaggoota dabalatee, Ilmaan Oromo sirna san keessa jiran akka Pilaaniin kun hojirra hin oolle waan danda’an hunda godhuu qabu. Hubadhaa, tumsa ilmaan Oromootin alatti karoorri kun hojitti hin jijjiiramu. Kanaaf baatanii ifatti mormuu yoo dadhabdan dalaguma isaan isinitti kennan lafarra harkisuun qabsoof gumaachuun dandeessan.
Hunda caalaa daldalaafi sochii diinaggee Wayyaaneefi warri isaanitti hidhatan Oromiyaa keessatti godhan fashalsuurratti fuulleffachuu feesisa. Qabeenya akka dhuunfaafi gurmutti qaban adda baafatanii bifa danda’ame maraan kuffisuuf tattaafachuun dirqama. Ooyruu qonnaa isaan nama keenya irraa kafatanii irraa duroomaa jiran, warshaa guddaa malaammaltummaan harkatti galfatan, lafa albuudaan ummata ardaa sanii hagabsaanii saamaa jiran hunda adda baafatanii irratti xiyyeeffachuu barbaachisa.
Walumaa galatti tuffi Wayyaanee kana kolaasuufi karoora ol’aantummaa diinaggee jaaruuf qaban kana hoongessuf mormiin qofti gahaa miti. Tarkaanfiin qabatamaan kasaaraa keessa isaan galchu itti dabalamuu baannan jarri nutti koflaa, nu ajjeessaa nu arrabsaa hidda isii gama maraan gadi fageeffachaa jirti. Qanni gaariin hiddi kun biyyoo, biyyaafi saba keenya jidduutti gadi dagaage. Kun ammoo biyyee san irraa haadhanii, saba itti dammaysanii biyya ofiirraa buqqaasuuf haala mijaayaadha. Of gaafadhaa, wal gaafadhaa, falfala jaraa kanaaf fala faladhaaa!



                                                              Akkawaaq Jaalataa

No comments:

Post a Comment